Waa’ee qu’annoo kanaa

Beeksiisa Iccitii:
Odeeffannoon qu’annoo kana keessatti dhiyyaate akka galmee ummataatti waan fudhatamuufi ummataatti ifa taasifamuuf danda’a ta’a. Odeeffannoo dabalataatiif, Seera Galmeewwan Ummataa ilaali, RCW Boqonnaa42.56. Attamiin odeeffannoo kee akka qabanu dabalataan baruuf, Ibsa Iccitii keenya ilaali.

Qu’annoon Reconnect West Seattle hojii nuti Karoora Reconnect West Seattle Mobility Action hojjannu, kan namoota hedduu sochoosuuf kiyyeeffate fi hanga danda’ameen lafa bishaaniin marfameen alatti karaawwan imalaa baayyee hirriisuun alatti, wayita dhiibaa daandii filamaata tiraafikaa ollaawwan kan akka Highland Park fi South Park hirrisuu akka karaa qabsiifnuuf gahee murteessaa ni tabata.
 
Duwamish guutuutti sochii cimaan akka itti fufuu taasisuuf, namoonni West Seattle keessaa hundi, karaa isaanii danda’amuun, konkolaataa malee akkamiin gara West Seattle ttiifi isaan ala akka imalan akka yaadan barbaanna. 
 
Sababii cufamuun High-Rise Bridge hiibboo bulchiinsa tiraafikii daandiiwwan filamaataatiin hinkamuu hindandeenyee uumeef, yaadni isaanii barbaachiisaadha. Jalqaba 2020tti, Laga Duwamish biraan karaawwan konkolaataa 21 ture, kunis walitti dhufeenyawwan lafa bishaaniin marfame West Settle waliin:  West Seattle High Bridge (karaawwan7), Low Bridge (karaawwan 2), 1st Ave South Bridge (karaawwan 8 ) fi South Park Bridge (karaawwan 4).  Cufamuu High-Rise Bridge fi dhorkamuu Low Bridge tiin, amma achiitti karaawwan keessoo imala konkolaataa dhuunfaa 12 gama dhuma kibbaatiin bakka tokkoo walitti qabameera.  
 
Rakkoon kunis akkuma ulaalgaaleen fageenya hawaasummaa eeggachuu xumuramuun namoonni baayyeen gara hojii, mana barnootaafi imala idileetti deebiiniin akka caalaa cimu eegna.

 
Galmi Reconnect West Seattle kunis sadarkaalee imala osoo West Seattle High-Rise Bridge hincufamiin dura tureen walfakkaataan Duwamish guutuu akka jiraatu, akkasumas kan hawaasawwan Duwamish Valley  keessa daandii filamaataa irra jiraataniif dhiibbaan naannoo  akka hirratuu gargaaruudha.
 
Kan hojiirra olchuufis, ofii keenyaafi –isiniif galmawwan kaka’umsa muraasa kenyeerra-kunis gara fuula duraa wayita ulaagaaleen fageenya hawaasummaa eegachuu ka’uutti attamiin akka socha’an jijjiiruudha.


Seattle Department of Transportation (SDOT) nis waltaatoota keenya King County,  Washington State Ferries, Washington State Department of Transportation, Sound Transit fi  the Port of Seattle/Northwest Seaport Alliance waliin ta’uun filanoowwan imalaa dabalataa adda baasuun imaltoota West Seattle gargaaruuf walitti dhiheenyaan hojjataa jira.  
 
Qu’anoon kunis wayita West Seattle Bridge cufameetti attamiin socha’uu akka dandeessan akka barbaaddan akka hubannuufi galmawwan keenya Reconnect West Seattle waliin akka fiixaan baafnuuf SDOT fi waltaatoonni keenyaa beeksiisuuf carraa jalqabaa keessan. Akkasumas qu’annoon kun pirojaktiiwwan barbaachisanii fi dursi kennamuufi qaban adda baasuu fi netiwarkii biskilitii fooyyeessuuf carraa keessan.

T