Skip to content
Jijjiirama Nageenyaa Hawaasaa Minneapolis keessatti Taasisuu
*
1.
Waxabajji 2020 keessa, Manni Maree Magaalaa Minneapolis moodelii nageenya hawaasaa haaraa ta’e uumuuf waadaa seenee ture. Qaama waan sanaa ta’uu isaaniitiin, adeemsa kan waggaa guutuu hirmaannaa hawaasaa taasisuuf waadaa seeananiiru. Hirmaannaan kunis hawaasa Minneapolisiin moodelii inni haaraan maal fakkaachuu akka qabu gaafata. Qu’annoon kun tarkaanfiiwwan adeemsa sana keessa jiran keessaa isa jalqabaa ti. Hojii kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf maaloo marsariitii:
https://www.minneapolismn.gov/community-safety/
daawwadhaa.
Kaayyoon qu’annoo kanaa haalli nageenya miseensonni hawaasa Minneapolis maal akka fakkaatu adda baasuu fi moodelii haaraan akkamiin hojii irra ooluu akka danda’u yaada dhiyeessuuf. Bahiiwwan qu’annoo kana irraa argaman aangawoota filatamaniif gorsa qopheessuuf gargaaru. Inni kun dabalataanis hirmaannaa hawaasa keenyaa keessatti sadarkaawwan itti aanan qajeelchuuf kan nu garagaaru ta’a.
Gaaffiileen tokko tokko mata duree cimoo (sensitive topics) kaasuu danda’u. Qu’annoo kana keessatti gaaffiilee irra darbuu barbaaddan kam iyyuu irra utaaluu dandeessan ykns qu’annoo kana yeroo barbaaddanitti dhiisuu dandeessu. Waa’ee fayyummaa sammuu, miiraa, hafuuraa fi qaamaa ilaalchisee odeeffannoo muraasa magaalicha keessaa bakka kanaa argachuu dandeessu.
Odeeffannoon dhuunfaa (Privacy) keessanii iccitiin qabamuun isaa nuuf barbaachisaa dha. Qu’annoo kana keessatti yaadni isin dhiheessitan, hojjetoota Minneapolis kanneen hirmaannaa kanaratti hojjetaniif kan qoodamu ta’a. Bahiiwwan qu’annoo kana irraa argaman aangawoota filatamaniif gorsa qopheessuuf gargaaru. Maqaa keessan akka guuttaniif hin gaafatamtan. Qu’annoo kana yoo fudhachuu dhiisuu filattan ykns adeemsa keessa gargara kuttanii yoo keessa baatan dhiibbaan isin irra ga’u hin jiraatu.
Qu’annoo kana guutuun tilmaamaan daqiiqaa 15 qofaa fudhata.
Bakka buufataa barbaachisaa ta’ee fi bifa (format) kan biroof maaloo, violenceprevention@minneapolismn.gov ykn Namoonni dhaga’uu hin dandeenye(deaf) ykn rakkoo dhageettii kan qaban tajaajila gargaarsaa (relay) fayyadamuun 311 qunnamuuf 612-673-3000 irratti bilbiluu dandeessu. Fayyadamtoonni TTY 612-263
Para asistencia, llame al 612-673-2700 - Rau kev pab 612-673-2800 - Hadii aad Caawimaad u baahantahay 612-673-3500.
Odeeffannoo armaan olii erga dubbiftaniin booda qu’annoo kana fudhachuuf fedhii qabduu?
(Required.)
Eeyyee
Lakki